header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tafakkur

LIGER (LAAYIGAR)

Bineensi dhaluu hin dandeenye kami jedhanii osoo isin gaafatanii, hedduun keessan gaangee jettanii deebisaa kennitan taha. Gaangeen Fardaafi harree irraa dhalatti. Bineensonni biroo kan haala kanaan dhalatan heddu jiraachuu isaanii beeytuu?  Bineensonni kunniin Hedduun isaanii garuu biyya keenyatti hin beekaman. Bineensi haala Kanaan dhalate kan Zoonkii jedhamutu jira.  Zoonkiin sanyii harree manaa fi harree diidaa irraa kan uumamu yoo ta’u, maqaa isaatis jecha Afaan ingiliffaa kan Zeebraa fi Donkey jedhurraa qubee walitti fuudhuudhaan moggaasan. Barruu tana keessattis uumama haala Kanaan uumame kan biraa tokko laalla. Uumamni kun Liger jedhama. Liger uumama leenca kormaatii fi qeerransa dhaltuu irraa argamuudha. Akkuma Zoonkii san maqaa isaatis jechoota Lion fi Tiger jedhu walitti fiduudhaan, Liger jedhanii itti moggaasan.

Liger Sanyiiwwan Adurree bosona keessa jiraatan jidduu isa guddaa dha. Leencaa fi Qeerransi qubsuma garagaraa keessa waan jiraataniif, bosona keessatti uumama Liger kana argachuun hin danda’amu. Bineensa kana Paarkii qofa keessatti arganna.  Gogaa isaa irraa rifeensa keelloo gara gurraachatti dhihaatu kan qabu yoo ta’u, dabalataan bifa haadhaa sarara barru gogaa irraa qaba. Warri dhiiraa ammoo akkuma leencaa morma isaanii irraa rifeensa guddaa areeda fakkaatu qabu. Haa ta’u malee kormaan hundi rifeensa kana hin qaban. Gariin isaanii akkuma dhaltuu rifeensa ofirraa hin qaban.

Qubsuma

Bara durii ardii eeshiyaa keessa Leencaa fi Qeerransi hedduminaan jiraataa turan. Kanaafuu Leenci Kormaan qubsuma qeerransaa keessa seenuudhaan walqunnamtii wal hormaataa raawwatuun salphaa ture. Amma garuu haalli kun jijjiiramee jira. Eeshiyaa keessatti lakkoofsi leencaa akkaan gad bu’uu irraa kan ka’e, paarkii keessatti qofa daangeffamee jira. Gama biraatiin Qeerransi ammoo bosona tuucha’aa keessa qofa jiraataa jira. Leenci ammoo bosona Eeshiyaa gad dhiisee godaanuudhaan gara Afriikaa dhufee jira. Kanaafuu carraan Liger bosona keessa jiraachuudhaa akkaan xiqqaadha. Waan kana ta’eef ammaan tana Liger kan argamu qubsuma namni qopheesseef qofa keessa ta’ee jira.

Haala jireenyaa

Leencaa fi Qeerransi bineensota dachii kana irra jiran keessaa bineensota rahmata hin qabne jedhamuudhaan beekaman. Liger garuu isaan lamaan irraa argamus amala isaanii kana hin dhaalle. Namoota isatti dhihaatanitti saffisaan itti dhihaatuu ykn maxaquu danda’a. Leencaa fi Qeerransi garuu ilma namaa wajjiin wal baruudhaaf  yeroo dheeraa turu. Liger amala garagaraa haadhaa fi Abbaa isaa irraa dhaalee jira. Fakkeenyaaf Qeerransi bishaan ni jaalata. Akkasumas bishaan keessa daakuu ni danda’a. Faallaa kanaatiin ammoo leenci bishaan akkaan sodaata akkasumas ni jibba. Liger garuu waan heddu Abbaa irraa dhaalus bakka bishaanii kanatti haadhaan wal fakkaata. Dabalataan Liger akka Leencaa barooduu akkasumas akka qeerransaatti harquu kan danda’u yoo ta’u, baay’inaan garuu ni barooda.

Wal Hormaata

Liger wal horuu hin danda’u. Akka Harree fi Fardaa; Leencaa fi Qeerransi nagayaan waliin jiraachuu hin danda’an. Kanaafuu ilmi namaa bineesota kanniin eega paarkii keessatti walitti qabee itti cufeen booda, akka walqunnamtii wal hormaataa raawwatan taasisa. Uumamni kunniin lamaan wal qunnamtii wal hormaataa raawwatuudhaaf haga waggaa tokkoo waliin turuu qaban. Yeroo dheeraa kana keessatti wal lolaa, walitti bu’aa xumura irratti walitti dhihaatu. Eega wal qunnamtii raawwataniin booda, qeerransi rimaya san guyyoota 100f eega garatti qabattee ilmoolee lamaa haga afurii dhalti. Akkuma uumama adurree kaawwanii,  Ligeris gaafa dhalatu ijaan hin argu. Haga ji’a jahaatis soorataa fi wantoota garagraatiif haadha isaa irratti irkata. Ligeroonni hedduun isaanii rakkoo waliin dhalatan ykn ammoo hanqina qaamaa waliin dhalatan, kanaafuu hedduun isaanii akkuma dhalataniin du’an.

Soorata

Sooratni uumama kanaa foon qofa. Hedduminaanis bineensota Qeerransi sooratu irratti xiyyeeffata. Dabalataan Arba Eeshiyaa xixiqqaallee adamsuudhaan ni soorata. Ligeroonni paarkii keessatti walitti qabaman guyyatti foon kiiloo 10 kan sooratan yoo ta’u, warri bosona keessa jiran lakkoofsaan muraasa ta’anis yeroo takkaan foon kiiloo 45 sooratuu ni danda’u.

Diina

Bineensi kun hedduminaan Paarkii keessatti waan argamuuf diina hedduu hin qabu. Kanneen bosona keessa jiraatanittis bineensi uggee itti dhihaatu hin jiru. Guddina qaamaa fi jabina waan qabaniif; akkuma leencaa fi qeerransaa bosona keessatti sodaa takka malee jiraatan. Haa ta’u malee Laaygaroonni muraasni bosona keessatti dhalatan kunniin sababa ilma namaatiin heddus bosona keessa turuu hin danda’an. Inni duraa naannoo eeshiyaatti namni bineensa kana ajjeesu akkuma warra leencaa fi qeerransa ajjeesuti sadarkaan guddaan waan isaaf kennamuuf, namuu isa ajjeesuuf carraaqa. Dabalataan ammoo bineensi kun hedduminaan waan hin argamneef, namoonni bineensa kana adamsanii paarkii keessatti galchuudhaan maallaqa kafalchiisaa nama daaw’achiisuu waan barbaadaniif, bosona keessa jiraachuun Ligeriif heddu rakkisaa dha.

Uumama kanarraa wanti addaa tokko ni jira. Dhiirri Liger irra deebi’e walqunnamtii wal hormaataa raawwatuudhaan ilmo bakka buusuu hin danda’u, Dhaltuun Liger garuu, Leenca wajji ykn ammoo Qeerransa waliin walqunnamtii raawwatuudhaan sanyii ofii bakka buusuu dandeetti. Gaangeen deebitee ilmoo dhaluu hin dandeettu. Dhaltuun Liger garuu carraa kana badhaafamtee jirti. Garuu liger kormaan sanyii isaa bakka buufatuu hin danda’u.

Qabxiilee ijoo Uumama kanaa

  • Liger Sanyiilee Adurree dachii kanarra jiran keessa isa guddaa dha. Leencaa fi Qeerransa dachaa lamaan caaluu ni danda’a.
  • Qaamni isaatis saffisaan guddata. Guyyaa tokkotti ulfaatina kiiloo walakkaa dabaluu danda’a. Akkuma saffisaan guddatutti umriin isaatis kan leencaa fi Qeerransaatin yoo walbira qabamu gabaabaadha.
  • Liger hedduminaan Amala Leencaa kan dhaale yoo ta’u, bocni qaama isaatis kan Leencaatti dhihaata. Bifti qaama isaa irra jiru ammoo, kan Qeerransaatiin wal fakkaata.
  • Dhaltuun Liger irra deebitee dhaluu kan dandeettu yoo taatu, kormaan garuu wal hormaata raawwatuu hin danda’u.

Qophii Abu Ibtisam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button