header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Boordiin Majliisa Federaalaa Yaa’ii walii galaa torbee tokko keessatti yaamuuf kan qophaahe tahuu beeksise

Ulamaa’onni Majliisa Federaalaa rakkoo Majliisa Federaalaa keessatti uumame ilaalchisee, February 11/2021 Ministeera Nageenyaa Waliin eega mari’atanii booda, hanga February 21/2021tti Kora Walii gala Yaamuuf waadaa galuun isaanii ni yaadatama. Haata’u malee hoggantoonni Mana Maree Ulamootaa muraasni sababa garagaraa dhiheessuun danqaa uumaniin, walgahichi hanga har’aatti osoo hin geggeeffamin hafee jira.

Kanuma hordofuun Boordiin Majliisa Federaalaa ibsa har’a baaseen, boordichi kanaan dura yaa’iin waliigalaa akka geggeeffamuuf xalayaa yeroo sadi barreessee gaafatus, sababa hoggantoota mana maree ulamootaa muraasaatiin, yaa’iin hanga har’aatti osoo hin geggeeffamin turuun seeraan ala tahuu ibse. Dabalataanis Majliisonni naannolee heddu Yaa’iin walii gala Majliisa Federaalaa akka geggeeffamuu gaafataa turanii jiru jedhe.

Haaluma kanaan Wixata har’aa March 1/2021 irraa eegalee Manni Marii Ulamootaa torbee tokko keessatti Yaa’ii walii gala yoo kan hin yaamne tahe, Boordichi Dambii ittiin Bulmaataa Majlisichaa irratti hundaayuun, ulamoota argamaniin Yaa’ii walii galaa kan gegggeessu tahuu akeekkachiise.

Xalayaa Boordii Majliisa Federaalaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button