header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Guutuu addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Covid-19’n du’anii miiliyoona said dabruu ibsame

Daayrekatarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) kaleessa ”addunyaan lakkoofsa namoota Covid-19 qabamanii isa olaanaatti dhiyaachaa jirti,” jechuun eega akeekkachiisee booda, ragaan Yuniversiitii Johns Hopkins irraa har’a bahe, lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii miiliyoona 100 fi miiliyoona 40tti dhihaatuu agarsiise. Lakkoofsi namoota sababa vaayirasichaatiin du’anii ammoo miiliyoona 3 dabruu ragaan kun ni addeessa.

AFP’n akka gabaasetti, torbee darbe keessa guyyaatti giddugalaan addunyaa keessatti namoonni 12,000 sababa koroonaatiin du’aa turan.

Biyyoota vaayirasichaan marroo lammeessoo akka malee miidhamaa jiran jidduu takka Indiyaa yoo taatu, Sabtii har’aa qofa lakkoofsa namoota haarayatti qabamanii 230,000 galmeessite.


Hogganaan WHO Dr Tedroos Adhaanom ”lakkoofsi namoota qabamaniifi duuti galmaa’u haala yaaddeessaa taheen dabalaa dhufeera,” jechuun guyyaa Jimaataa akeekkachiise

USA, Indiyaa fi Biraaziil biyyoota lakkoofsa olaanaa galmeessisan yoo tahan, biyyoota sadan keessatti namoota miiliyoona tokkoo ol tahutu sababa koroonaatiin du’e.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button