header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

konfiransiin Du`aatotaa  fi Imaamman Oromiyaa ibsa Ijjannoo qabxii 10 qabu baasuun golabame

Konfiransii koree hayyoota, Du`aatotaa fi Imaamman Gumii Dhimma Islaamaa Oromiyaatin qophaa’e , guyyaa kaleessaa fi har’aa magaalaa Adaamaa Hoteela ‘Teatas International’itti  kan geggeeffamaa ture yoo ta’u, ibsa ijjannoo qabxii 10  qabu baasuun kan golabame ta’uu gabafame.

Ibsi ijaannoo qabxiiwwaan 10 qabu kunis

1.Nuti akka Koree Du’aatotaa fi Imaamotaa Oromiyaatti, tokkummaa hawaasa Muslimaa irratti cimsinee hojjanna.

2.Konfiransiin kun haal-duree tokko malee, tattaafii nagaya biyyaatiif godhamu ni deegara.

3.Tokkommaa Muslimtoota Ithiyoopiyaa eeguu irratti mootuummmaan deeggarsa malu hunda akka godhu cimsinee gaafanna.

4.Qaama lubbuu lammiiwwan nagayaa seera malee galaafatanii fi qabeenya hawaasaa barbadeessan hundaa cimsinee balaaleffanna.

5.Amantaan islaamaa yoomiyyuu nagayatti waan waamtuuf qaama nageenya booressuuf tattaafatu kamiyyuu ni balaaleffanna.

6.Ibsa ejjannoo yaa`ii koree walii gala Muslima fedraala Ithiyoopiyaa sagalee guutuun ni deeggarra.

7.Murtii miseensota waliigala muslimtoota Ithiyoopiyaa mootummaan akka haala mijjeessuu cimsinee gaafanna.

8.Tattaaffii muslimtoota garee gareen addaan qoqqooduuf taasifamu kamuu cimsinee ballaleffanna.

9. Miidiyaaleeolola sobaa hafarsuun amantii islaamaa qoqqooduu irratti duulan cimsinee balaaleffanna.

10.Danbii ittiin bulmaata koree Du’aatotaa fi Imaamotaa Oromiyaa konfiransii kana irratti dhiyaate sagalee guutuun mirkaneessuun konfiransii kana goolabnee jirra jedha.

Konfiransii kana irratti miseensonni koree 150, godinaalee Oromiyaa 21, magaaloota Oromiyaa 19, Godina Addaa Naannawa Finfinnee fi Dirree Dhawaa irraa dhufan irratti hirmaachuu odeeyfannoon ni addeessa.

19 Comments

  1. Mashaallah Mashaallah Mashaallah Mashaallah Mashaallah Mashaallah Mashaallah Mashaallah Mashaallah Mashaallah tabarakallah 💖💖💖💖💖💖💖💖

  2. Måśĥāllah Måśĥāllah Måśĥāllah Måśĥāllah halii kessaan namati tollaa ustazootaa kenyaa umrii nuf dherredhaaa ☝️☝️☝️❤

  3. اسلام عليكم ورحمة الله وبركاته
    مسالله

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button