header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen Boordii Hoji Raawwachiistuu Majlisa Federaalaa, rakkooleen Majlisa keessa jiran hatattamaan akka furaman gaafate

Koreen kun yaa’ii idilee isaa tokkoffaa guyyoota lamaaf geggeessee xumuruu ibse. Yaa’ii kana irratti bakka bu’oonni koree hoji raawwachiistuu Majlisa naannoolee fi bulchinsoota magaalaa argamuun gabaasa bara hojii 2012 fi karoora bara 2013 dhiheessaanii jiran.

Haaluma kanaan boordichi, gabaasaa fi karoora boordii Majlisa naannoolee fi bulchinsoota magaalaa gamaaggamuun kallattii ka’e.

Akkasumas hojiiwwan hojjatamuu qaban hedduun sababa rakkoollee xaxamoo mana marii dhimmoota Islaamaa Federaalaa keessa jiraaniif kan guufatan tahuu addeese.

Manni Marichaa rakkoowwan qabu hatattamaan akka furu, yoo kun hin tahin immoo boordichi amaanaa ummataa galmaan baasuuf tarkaanfii barbaachisu hunda kan fudhatu tahuu ibsa ijjannoo qabxii 17 qabu baase irratti akeekachiise.

Haaluma wal fakkaatuun hoggantooni Majlisa duraanii qabeenya hawaasa Muslimaa saamaa turan, kanneen hawaasa Muslimaa dararaa turan, mana marichaa keessatti ammas shira garagaraa xaxaa waan jiraniif akka of qusatan yoo kun tahuu dhabe immoo kan seeraaf dhiheessan tahuu ibsame.

7 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button