header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Majliisni Oromiyaa gocha seeraan alaa majliisni federaalaa raawwataa jiru balaaleffate

Majliisni Naannoo Oromiyaa gocha seeraan alaa majliisni federaala raawwataa jiru balaaleffatuun, yeroo torbaan tokkoo keessatti yaa’iin walii galaa ariifachisaan yoo kan hin waamamne tahe, majliisa fedaraalaatiif beekamtii akka hin kennineefi, qunnamtii majliisa federaalaa waliin qabus akka dhaabu ifa godheera.


Majliisni Oromiyaa xalayaa barreesseen, majliisni federaalaa namoota muraasaan hogganamu yeroo hedduu yaa’iin majliisoota naannoo, ulamoota 26 fi miseensota boordii hammate akka waamamu yaamicha godhameef diduun tuffii majliisota naannoleetiif qabu ifatti mul’isaa akka ture ibse.

Akkasumas hogganaan majliisa federaala seeraan ala boordii majlisa federaalaa ari’uun isaas fudhatama akka hin qabne ifa godhe.

2 Comments

  1. Majlisni fedraalaha akka kufettis kufu kufuu qaba kanaaf qabson hawaasa islaamaa itti fufuu qaba

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button