header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni marii Ol’aanaa dhimmoota Islaamummaa Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa yaa’ii idilee geggeesse

Manni marii ol’aanaa dhimmoota Islaamummaa Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa Muddee 4, 2013 yaa’ii Idilee lammaffaa bara 2013 gaggeesse milkiin xumuruu gabaafame.

Yaa’ii kanarratti Prezdaantiin Majliisa Oromiyaa Shekh Hajjii Ibraahiim kan argaman yoo tahu, Ustaaz Badruu Nuuruu fi Barsiisaa Badruu Muhammad ammoo miseensota boordii bakka bu’uun argamanii jiru.

Sagantaa yaa’ii Qur’aanaa fi Du’aa’ii maanguddootiin jalqabame kana irratti, dura bu’aa ulamaa’ii Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa Shekh Hasan Muhammad haasaya baniinsaa godhuu odeeyfannoon ni addeessa.


Itti aanaa kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa Obbo Abraham Gaaddisaa yaa’ii kanarratti argamuun, kaartaa masjiidota 10 fi kan lafa awwaalchaa 2 harka Shek Hajjii Ibraahiim irraan majliisa magaalaa Sulultaatiif kennuu gabaasni nu dhaqqabe ni mul’isa.

Shek Hajjii Ibraahiim wayta kana haasaa godhaniin, yoo walhubannoo fi ciminaan dalagne waan kanaa olii galmeessisuun akka danda’amu ibsanii, majliisni Sulultaa hojii fakkeenyummaa qabu dalaguu isaatiif galateeffatanii jiru.

Yaa’icha irrattis Gabaasni bara 2012 fi karoorri bara 2013 dhihaatee yaadaa fi gaaffiin bal’aan irratti ka’ee erga gamaaggamamee booda sagalee guutuun mirkanaa’uu ibsame.

Dabalataanis bulchiinsa Masjiidotaa, abbootii qabeenyaa fi dhaabbilee adda addaa hojii gaarii dalaganiif majlisni magaalaa Sulultaa waraqaa ragaa kennee jira.

6 Comments

  1. Ani dhuga dubatudhaf bayye tokkon gammade jira .
    mal jenan oddefano adda addafi bekkumsa hangana hin jedhamne kan ani tv nuralhuda irra argata jiru kanaf bayye tokko galatoma issanin jechu barbadetti.
    kanaf insha allah rabbin hojjatota tv nuralhuda hunda kessan ummri kheyri fi ilmi baraka rabbi issanif hakennu isanin jedha insha allah barakallahu fikkum wajazakumullahu kheyri.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button