header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Manni Marii olaanaan dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Burraayyuu Yaa’ii idilee 2ffaa geggeessaa jira

Majliisni Magaalaa Buraayyuu majliisota magaalota Oromiyaa keessatti, jalqaba deebifamanii majliisa Oromiyaatiin caasaa haarayaan ijaaraman keessaa adda dureedha. Majliisni Magaalaa Buraayyuus akkuma haaromfameen masjiidota 110 ol of jalatti gurmeessuun hojjataa kan ture tahuu ibsame. Haaluma kanaan Guyyaa har’aa masjiidota 110 irraa namoota sadi sadi waamuudhaan Yaa’ii Walii Galaa geggeessaa jira.

Majliisa Oromiyaa irraayis Walitti Qabaan Boordii Ustaaz Gaalii Abbaaboor, Ustaaz Badruu Nuuruu, Ustaaz Badruu Muhammad fi miseensi boordii fi manaajarri majliisa Oromiyaa Muhammad Gaalii Abbaa Fiixaa yaa’icha irratti hirmaataa jiran.

Ajandaaleen yaa’ii kanaa gurguddoon gabaasa raawwii hujii gamaaggamuu fi karoora fuulduraa irratti mari’atanii mirkaneessuu tahuu ibsame.Dabalataanis ijaarsa majliisaa amma masjiidota ga’ee jiru kana, akka ammas gadi fageenyaan ummata keessa seenuun hojjachuuf haala dandeessisu irratti kallattiin kan kaayamu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button