header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Manni Marii Ulamaa Itoophiyaa, Koree Boordii Hojii Raawwachiistuu Majlisa Federaalaa hojjii irraa ugguru gabaafame

Manni Marii ulamaa Majlisa Federaalaa, Koree boordii hoji raawwachiistuu mana marichaa ugguruu xalayaan kan beeksise tahuu dhagahame.

 Koreen boordii kun torban dabre keessa Yaa’ii idilee isaa tokkoffaa kan bara kanaa geggeesse irratti, gabaasa raawwii hojjii bara 2012 fi Karoora hojjii bara 2013, koree hojii raawwachiistuu Majlisa naannoolee fi bulchinsoota magaalaa gamaaggamuun hanqinoota jiranii fi cimina turan irratti mari’atuun  kallattii ka’uu ni yaadatama.

Akkasumas hojiiwwan hojjetamuu qaban hedduun sababa rakkoollee xaxamoo mana marii Ulamaa dhimmoota Islaamaa Federaalaa keessa jiraaniif kan guufatan tahuu ibsuun, Manni Marichaa rakkoowwan qabu hatattamaan akka furu, yoo kun hin tahiin immoo boordichi amaanaa ummataa galmaan baasuuf tarkaanfii barbaachisu hunda kan fudhatu tahuu ibsa ijjannoo qabxii 17 qabu baase irratti akeekachiise.

Boordichi ibsa baase irratti, Filannoon hoggantoota majlisa Federaalaa fi mana marii ulamaa Federaalaa hatattamaan akka geggeeffamuu fi Akkasumas caasaan koree jijjiirama dhaabilee hawaasa muslimaatiin qophaa’e akka hojii irra oolfamu gaafate.

Osoo kun akkasitti jiruu, Manni Marii ulamaa Federaalaa , Koreen boordii hojii raawwachiistuu majlisiichaa hojjii irraa ugguramuu xalayaan kan beeksise tahuu gabaafame.

Manni Marii Ulamaa Itoophiyaa fi koreen Boordii Majlisa Federaalaa, Koree jijjiirama dhaabbilee hawaasa Muslimaa miseensoota 9 qabuun, filamanii hanga filannoon geggeefamuu ji’a 6 qofaaf bakka buufamani.

Tahus yeroon kennameef dhumuu hordoofuun aangoo itti kenname akka lakkisan yeroo adda addaatti  gaafatamaa turuun ni yaadatama.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button