header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KaanaadaaOdeeyfannoo

Manni Murtii ol’aanaan Kuubeek murtii adabbii Shoroorkeessaa Haleellaa Masjida Magaalaa Kuubeek irratti dabre ture gadbuuse

Bara 2017 keessa Kanadaa magaalaa Kuubeekitti shoroorkeessaan ol’aantummaa ummata adii fi jibba Islaamaa leellisu, Salaata Fajrii booda Masjida seenuun haleellaa rasaasaa raawwateen namoota 6 ajjeesee namoota hedduu immoo madeesse.

Shoroorkeessaan umrii 27 ajjeechaa gara jabeenyaa raawwate kun itti yaadee raawwachuu amane.

Adabbiin hidhaa waggaa 40 itti murteeffamees ture. Haa ta’u malee adabbiin narratti murteeffame sirrii miti jechuun, Mana Murtii ijibbaata Kuubeekitti ol iyyannoo dhiyeesse.

Manni murtii ijibbaata Kuubeek ol Iyyannoo kana ilaalee, Adabbiin hidhaa waggaa 40 shoroorkeessaa kana irratti Abbaan seeraa mana murtii Kuubeek dabarse, kan heera biyyattii faalleessuu fi kan seeraa alaati jechuun hidhaa waggaa 25tti gad buuse.

Murtiin mana murtii ol’aanaa Kuubeek irraa kenname kunis, hoggantoota dhaabbilee hawaasa Muslima, dhaabbilee haqaa fi mirga namummaa falman mufachiisuun gabaafame.

Dubbi himaan Masjida Kuubeek Bufeeldijaa Bin Abdallah murtii kana ilaalchisee “hedduu nama dallansiisa. Murtiin kenname gonkumaa yakka raawwatameen kan wal hin madaale fi kan dhukkubbii maatii wareegamtootaa daranuu hammeessuu”jechuun miidiyaalee hime.

3 Comments

  1. innaa lillahi wa innaa ilehei raaji’un rasaasa hanga inni namoota irrattii dhukkaase sanitti dhukkaasani ajjeefamu qaba.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button