header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Miseensonni Kora Waliigalaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa seensa baatii Kabajamaa Ramadaanaa ilaalchisuun ibsa baasan

Miseensonni Kora Waliigalaa Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa fi kanneen Mana Marii Naannoolee seensa baatii kabajamaa Ramadaanaa ilaalchisuun ibsa waloo baasan. Ibsi guyyaa har’aa baasan kun baatii kabajamaa Ramadaanaa, dhimma Yaa’ii waliigalaaa mana marichaa torbee dabre keessa geggeeffamee fi haala yeroo ammaa biyyattiin keessa jirtu irratti xiyyeeffate.

Haaluma kanaan Ibsa isaanii kanaan baatii kabajamaa Ramadaanaa ilaalchisee, Ummata Muslimaa biyya keessaa fi alatti argamuuf dhaamsa baga ittiin isin gahee dabarsuun, ummanni muslimaa baatii kabajamaa Ramadaanaa kana, wal kabajuun, tokkummaan, wal deeggaruun, waliif obsuun, akkasumas dalagaawwan Kheeyrii irratti bobba’uun akka dabarsu, keessumattuu ulamoonni, abbootiin qabeenyaa, hayyoonni fi Ogeeyyonni miidiyaa, gahee hawaasni muslimaa seenaa ijaarsa biyyattii keessatti qabu beekuun fi kabajaa isaa akka eegsisu hubachiisuu irratti akka hojjatan dhaamsa dabarsan.

Gama biraatiin ammoo Yaa’ii waliigalaa mana marichaa torbee dabre keessa geggeeffame irratti Sanadiin Tokkummaa Ulamootaa fi Sanadiin ittiin bulmaata Majliisichaa kanaan dura qophaaye sagalee guutuun raggaasifamuu fi Murtiiwwaan garagaraa dabarsuun kan golabame tahuun ni yaadatama. Miseensonni Kora waliigalaa mana marichaa fi mana marii dhimmoota Islaamummaa naannoolee ibsa isaanii kanaan, murtiiwwaan dabran kanniin hojiirra oolchuuf wareegama gaafatu kamuu kaffaluuf qophii ta’u beeksisan.
Haaluma kanaan mootummaanis murtiiwwaan Kora Waliigalaaa Mana Marichaatiin dabre kana, osoo irraa hin hir’ifamin akka hojiirra oolfamu, deeggarsa barbaachisu hunda akka godhu gaafatan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button