header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Nadaan Aa’ishatti himatte

Kutaa 1ffaa

Barreesaan Dr Iyad Quneybii kan Afaan Oromootti kan hiike Abdul Jabbaar Aliyi

Nadaan barnoota isii Ameerikatti xumurtee kolleejji fayyaa irraa eebbifamtee baate gaheen isii haakima xiinsammuuti. Shaadiin kan woggaa lamaan isii dursu fuudhaaf isii gaafate, innillee barnoota isaa kan haakima xiinsammu Astirooliyatti erga xumuree waggaa lama.


Nadaan intalli umrii 26 tole jettee shaadii woliin wol fuudhan yeroo hamma takka gammachuun dabarsan. Utuu badheessi jaalala isaanii hin turin jireenyi isaanii gama hawwii hin milkoofne tan yeroo dheeraatti jijjiiramte.
Guyyaa tokko hujiirraa daftee yoo galtu, shaadiin hin deebine ture.Nadaan kutaa kitaabaa seentee woraqaa fi qalama fudhattee barruu eegalte.

1.Shaadiin Na cufa, Akka Najaalatu Naaf hin ibsu, inumaa jaalala inni Naaf qabu shakkuun jalqabe.

2.Yeroo tokko dhibamee ture inni Naaf rifatuu isaa natti hin agarsiifne tajaajila addaas Naaf hin goone

3.Guyyoota Laguun Aadaa natti dhufu xiqqo ni dhiphadha ture inni waa tokkos eddoo Naaf hin qabaatu woldhaanaa xiinsammuu waan ta’eef waan natti dhagayamu beekuu woliin !

4.Dubartummaa kootiif eddoo kennuu koo Narratti tuffata kabaja dhabuu koo natti agarsiisa.

5.Waan dhimma kiyyatti deebi’uuf dantaa hin qabu yeroo tokko hamartiin haatikoo diinaara 1000n bittee Naaf kennite cabee Akka Naaf tolchu gaafadhe ji’oota hedduuf fuuldhura isaa teessorraa hin buune yeroon yaadachiisu hunda hardha boru qofa naan jedha

6.Ufittummaa qaba Narra uf caalchisa yeroo garii lamman keennayyuu wol bira dalaggarraa turree dhufna nyaanni mana keessa hin jiruu tarii yoo waahilli isaa isa waame ka’ee baya qubakoo hin qabu

7 .Yeroon inni nawoliin dabarsu kan gammachuutii miti yeroo yaadaan tamsa’aadha qaamaan wolittti dhiyoo yaadaan adda fagoo taanee dabarsina
8.Rakkoolee eddoo dalagggaatti isa mudatu Gara manaatti geessa isa woliin tasgabbii hin argadhu

9.Kanuma woliin gammachuu isaa naaf hin qoodu.

10.Yoo dhimma tokkorratti haasa’a woyii itti dheeressee woliin haasaye,
Na harkatti kuta. Akka gabaabsu nagaafata gaafii heddumeeysu kiyyas ni hifata

11.Na hifatuu jalqabe
Kana hunda yeroo godhu garuu waahillan isaa dubartoottaa tan eddoo daalaggaa woliin yeroo garii qaba
fkn kokolaataa keessatti utuu Na’eegu daqiiqaa Lama yoon irraa ture aaree dallana
Garuu Yeroo tokko waahilli isaa takka daqiiqaa 15 nurraa turte yeroo isiin dhiifama jetteen inni lakki lakki Rakkoo hin qabu jedhee deebiseef

12.Yeroo tokko mobaayila isaa fuudhee barreessiituu(secretary) isaatti ergaa tokko erge yeroo hedduu ergaa good morning good Naghit jedhu waan hinaafeef Akka hin ergine akekkachiise, Inni Narratti erga beekee booda natti dallane guyyaa hedduuf naan oode, san booda password mobayila isaa najalaa jijjiire.

13.Maalummaa kiyya akka haqamee isa woliin dhokatetti natti dhagayamuu eegale, Nama afotti dadhabbinna fi bakka ufi dhabuu kootu natti dhagayame.

14.Hinaaffaa koo yaada hamaadhaan Naaf deebisaa. Akka an waahillan woliin haasayatti gamu Akka isaanitti qalbii laafu nafakkeessa.

15.Yeroo dalagduun boqonnaa jirtu mana keessatti na hin gargaaru garuu inni mirga dubartii fi miidhama jaraa irraa barreeffama post godhaa oola. yeroo mana qulqulleeffannaa seene utuu hin tolchin xurii fa’a dhiisee ba’a Akka Ani dalagaa kana hunda raawwadhu narraa fedha. Maaliif ?
Wolqixxummaa dhiiraa fi dubartiitti Amantaamii garuu ?!

16.Booda kana tamboo xuuxuu waan, eegaleef Hafuura isaarraa ani immoo cinqamuun eegale. Waan xiqqoo maraaf cinqamuun eegale maaliif Anaaf hin tottolfanne Akkuma Namaaf totttolfatutti ?

17.Isarraa fagaatuu filachuu jalqabe.


18.Rakkoo shaadii guddoo keessaa inni Nama afotti Nama gaarii, Nama Jaalalaa uf fakkeessa garuu gaarummaan isaa Ana biratti ni laamshaya (ni dhabama)
Dalaggaatu natti baayyate bu’aa bayii jireenyaati jedhee irra dibee na Amansiisuuf yaala Nama biraa woliin haala dalaggaa isaatiin gaarummaadhaan woliin jiraatuun dirqama Akka Haakima xiinsammuutti jechuu Naaf hima

19.Jireenya isaarraa tan Ani himuu qaanfadhutu jira hedduu isa hammeessiti waan ta’eef

20.Hidhata judduu keenyaa hamaa kanarraan ka’ee qunnamtii keenya kan fedhii uumamaa irraa baqatuu eegale Waan qaanyii tokko dalagaa jira waan natti fakkaateef.

21.Laafinna isaa Na afotti muldhifatuu irraa ni boona inumaa humnaa ol Narratti uf tuula. waan laafina isaa muldhisu yoo mudates qaama jajjabinaa fi injifannoon natti uf dhaada

22.Anis dhimma isaatti dantaa dhabuun eegale Waan hunda keessatti faallaa isaa ta’uun calqabe waan tokkoonis isa fakkaachuu hin barbaanne

23.Ogeettii xiinsammuu ta’uu koo woliin, xiin sammuun koo isa biratti dhibamaadha,isarraa adda bayuun gaafadhe inni garuu waan Anaaf bite kan maqaa kootti hin deebisin tokkos Akka Naaf hin hayyamne Naaf hime .


Saahibban tiyyaan mari’adhe tarii jara biraa furmaata argadhaa jedheen yaade, garuu kan Isaanis wol caala malee Rakkoma Akka kootii himatan eddoo tokko tokkotti sosso’iinsi jireenyaa wol caalus Isaanis Akkuma kooti.

Garuu An shamarree Aa’ishaa jedhamtu takka tan durdur jiraatte tan Abbaan worraa isii Muhammad(SAW) (Ergamaa Rabbii) ta’e takka yaadadhe seenaan jireenya isii tan gadaa teenna tanaan hedduu wol faallaa ta’uu dhagayee, Gama hulaa senaatiin isi’iin wolqunnamee isii woliin mari’achuuf itti dhufe. Amala isii fi Abbaan worraa isii ittiin qanani’aa turan dhagayee jira.Ammoo waan garii tan qaanfadhuu hin gaafanne
“Rakkoo Anaa fi Shaadii jidduu jirtuun wolitti madaalee laaluuf gaafii san fakkaattu lakkoofsaan Aa’ishaa gaafadhe”

(Deebii Aa’ishaan kennite kutaa itti Aanutti itti fufna inshaa Allaah)

5 Comments

  1. Assalamu’aleeykum woraahmaatullah wobarakaatu Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah Mashaal’allaaah heddu namatti tola garuu isin egaa turee hanga ammaatti kutaa 2ffaa hin dhiheesine maalif gaaruu ni dagattani
    Amrii isinitti jajjabatee hundaa Rabbiin isinif haa laaffissu
    Jajjaabadhaa Jazaa kumallaah wokeyraan

  2. Asselamu’aleykum worhaamatullaahi wobarakaatuu
    kan bareessefi kan hikees heduu heduu galaatoma
    dhugumaatti dhugumaatti wantii kunii waan yeroo amman kanaattin wolii simattaa
    garuu rabbi gudaan nu haa lafiisuu malee

    obbolleeyyaan kenyaa kan dhiraa tokko tokko yeroo amman tanna wan akkan kanaa imma qabaani garuu hundaa mitti

    Debii Aa’ishaa mal ta’aa lataa obsaan Egan galaatomaa Abdul-Jabaar kenyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button