header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwustraaliyaaOdeeyfannoo

Namtichi Kaartoonii Nabi Muhammad maqaa balleessu tolchuun barattootatti agarsiise Faransaay keessatti ajjeefame

Namtichi lammii Faransaay tokko jalqaba ji’a kanaa Kaartooniii Nabi Muhammad maqaa balleessu tolchuun barattootatti agarsiisuu isaatiin, hawaasni muslimaa biyyattii keessumattuu barattootaa fi maatiin barattoota mana barumsichaa gocha barsiisaa kanaatiin mufachuu ibsataa turan. Haata’u malee barsiisaan barnoota Siiviksii fi Seenaa kun, gochi isaa “mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu”tahuu himuun barattoonni kaartonichaan mufatan kutaa gadi lakkisanii haa bahan akka jedhe odeeyfannoon BBC ni mullisa.
Kanuma hordofuun barsiisaan kun guyyaa kaleessaa dargaggoo umrii 18tti tilmaamu tokkoon nannnawa mana barumsichaatti kan ajjeefame tahuu gabaafame. Haaluma walfakkaatuun dargaggoon barsiisaa kana ajjeesuun shakkames battalamutti Poolisootaan kan ajjeefame akka tahe odeeyfannoon ni mul’isa. Ajjeechaa kana hordofuun Poolisiin biyyattii maatii barattootaa dabalatee namoota 9 ol too’annaa jala kan oolche tahuu ibsame.
Faransaay keessatti jibbiinsi Islaamummaa daran kan hammaataa dhufe yoo tahu, Prezdaantiin biyyattii Imanu’eel Makroon jalqaba ji’a kanaa “Islaamni rakkoo hamaa keessa seenee jira; mootummaan Faransaayis qajeelfamootaa fi seera farra Islaamaa ni cimsa”jechuun muslimoota addunyaa dallansiisuun isaa ni yaadatama.

12 Comments

  1. jabaadha Rabbi isan haa gargaaruti. waan gaari dabarsaa jirtaniif jaza isa Rabbummaan isaniif ha deebisu Insha_Allah.

  2. Yaa.Allaah innaa lillaahi wa’innaa ileeyhi raaji’uun
    Obboleeysa kheenya rabbiin rahmata has godhuuf mooticha zaalimas rabbin rabbin nurra haa kaasu

  3. obboolleessaa kenyaa Raabbiin Jenataan isaa haa qanasisuu
    Waan dinii kenyaa balleesuuf demuu raabbiin Nuraa haa qabuu

  4. Asalamoleykum worahmatulahi wobrakatu obolyesa Kenya rabbin rahamata hagodhu nama diini Kenya balesuf yadu rabbin qudura isaatin nura haqabuu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button