header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa

Omaan, Ityoophiyaa dabalatee imaltoonni biyyoota 10 irraa dhufan gara biyya isii akka hin seenne dhoorkite

Omaan weerara Covid-19 ittisuuf to’annoo kan cimsite yoo tahu, haaluma kanaan torbaan lamaaf Ityoophiyaa dabalatee lammileen biyyoota 10 irraa garas imalan biyya isii akka hin seenne dhoorkite.
Biyyoota 10n kanneen keessaa ammoo saddeet Afrikaarraa yommuu ta’an: isaanis Suudaan, Suudaan Kibbaa, Naayjeeriyaa, Taanzaaniyaa, Ghaanaa, Ityoophiyaa, Giinii fi Seraa Liyoon. Biyyoonni biroo lama ammoo Biraazilii fi Lubnaan tahuu ibsame.

Akkaataa qajeelfama kanaatiin, namoonni biyyoota birootii gara Omaan imalanis osoo biyyattii seenuuf viizaadhaaf iyyata hin dhiyeeffatiniin dura, guyyoota 14 keessatti biyyoota dhorkaman keessa yoo darbanii jiraatan tahe uggurri kan isaan ilaallatu taha.

Dhoorkaan biyyattiin keette kun ammoo Kamisa dhufu Guraandhala 25 irraa kaasee hojiirra kan oolu ta’a.
Ministeerri fayyaa Omaan jalqaba ji’a kanaa akka jedhetti imaltoota biyyattii eega seenanii vaayirasiin koroonaa irratti argame jidduu 18% lammilee biyyoota Afrikaa Bahaati.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button