header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Poolisiin Ingiliiz Yuunifoormii hijaabaa poolisii Niiw zilaandiin qophaaye yeroo jalqabaatiif yaalii gochuu eegale

Hijaabni meeshaalee fi haguggaa mataa poolisii waliin uffatamuu danda’u kun, qorannoo ji’oota 16 booda hojjetame.

Akkasumas  yoo namni poolisii hijaaba kana uffatte miidhuuf harkaan qabe maagneetiin salphaatti irraa hiikamu nageenyaaf jecha itti dabalamee jira.

Hijaabni kun dubartoota leenjii poolisummaa Lestesheriin kan yaalamaa jiru ta’us dabalataan raabsamu danda’uu tahuu ibsame.

Poolisiin Lestesher hijaaba Niiw Zilaandii kana yaaluun biyyatti keessatti kan jalqabaa ta’uu hima.

Haata’u malee, hijaabni uffanaa poolisitti yeroo dabalamu kun kan jalqabaa miti, dizaayinii biraa fayyadamuun Poolisiin Kaaba Yorkishaayer fi Poolisiin Iskootiland kana dura yaalanii ture.

Hijaabni Niiw Zilaand uumte kun uffanaa ispoortii irraa kan hojjatamee ta’uun sochii kan eeyyamuudha. Garuu, ulfaatinni isaa salphaa fi afuura baafachuuf kan nama hin rakkisne ta’uu Poolisiin Lestesheer (Leicestershire) dubbate.

Kana dura hijaabota adda addaa yaalus kan akka isa kanaa milkaa’aa ta’e garuu akka hin jirres himeera.

 

4 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button