header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooUSA

Prezdaant Traamp dhibeen COVID19 itti hammaatuun Hospitaala seene

Prezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi haati warraa isaa eega vaayrasii koroonatiin qabamuun mirkanaa’ee booda, kaleessa kophatti baafamanii yaalamaa jiraachuu ibsamee ture. Haata’u malee Prezdaantichaa fi haadha warraa isaatis vaayrasichi waan dadhabsiiseef har’a Hospitaala waraana Ameerikaa Walter Reed Medical Centre jedhamu kan seene tahuu gabaafame.

Donald Tramp yeroo dheeraaf vaayirasiin koroonaa wanta salphaadha jechuun gorsa ogeeyyotaa tuffaataa ture. Haaluma kanaan biyyattii keessatti vaayirasichi hanga ammaatti namoota kuma 200 ol kan galaafate tahus, torbee dabre keessas morkataan isaa Joe Biden prezdaantii ta’ee yoo filatame dhibee COVID19 nuti too’anne sababa godhachuun sochii diinagdee ugguruuf deema jechuun qeeqe.
Gama biraatiin ammoo vaayirasichi qondaaltota Waayit Haawus hedduu qabachuu akka hin oolle gabaafamaa jira. Hanga ammaatti gorsituu Prezdaantichaa Kelly Conway fi itti gaafatamaa duula filannoo Traamp Bill Stepien dabalatee qondaaltota ol’aanoo 5 irratti vaayirasichi argamuu ibsame.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button