header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
RNHSoora Qalbii

RNH 344, June 2, 2018 Soora Qalbii

Sagantaa Soora Qalbii

Sagantaa Raadiyoo Nuuralhudaa 344ffa

Qophiileen sagantaa kana keeysatti isinii dhiheeysinu,
  • Gabaasa Odeeyfannoo
  • Qophii Siiraa Rasuulaa (SAW) Darsii 3ffaa Kutaa 26ffaa
  • Qophii Tafakkur
  • Tana Quba Qabduu?
  • Draamaa Iccitii Jireenyaa Kutaa 16ffaa

Gabaasa Odeeffannoo Torbanii

Qopheessaan: Abbaas Ibnal Islaam

  • Labsiin Yeroo Muddamaa akka ka’u murteeffamuu,
  • Bulchiinsi Magaalaa Sabbataa Masjiida Seeraan Galmaaye Diiguuf Akeekkachiisa Baasuu,
  • Ameerikaan Wixinee seeraa ittisa falasxiinotaatiif mana marii nageenyaatiif dhihaate kuffisuu
  • Donaald Traamp marii hoogganaa Kooriyaa Kaabaa waliin karoorfate irratti kan hirmaatu tahuu beeksisuu.

Odeeyfannoo guutuu sagantaa Soora Qalbii irraa dhageeyfadhaa.

 

Qophii Siiraa Rasuulaa (SAW) Kutaa 3ffaa Darsii 26ffaa

Qopheessaan: Ustaaz Abu Abdallaah

 

Tafakkur

Qopheessaan: Abdulnaasir Tufaa

 

Tana Quba Qabduu?

Qophii: Muhammad Siraajii fi Farhiyaa Aadam

Riqicha Daawwitii irraa hojjatame. waahee riqicha kanaa dubbisuuf link kana tuqi.

Kunuunsa Dubartii ulfaa Kooriyaa Kibbaatiif godhamu,

dubartootni ulfaa gargaarsa ajaa’ibaa mootummaarraa argatu. mootummaan Kooriyaa kibbaa dubartoota ulfaatiif Kreedit kaardii doolaara 500 qabu akka badhaasaatti kenna. Akkuma beekamu dubartiin takka eega ulfooytee booda, baasii hedduutu isii barbaachisa. Baasiiwwan isii barbaachisu kanaaf akka hin rakkanneef, mootummaa irraa gargaarsi kun godhamaaf.

Dabalataan dubartoonni ulfaa baasii (Bus) ummataa fi baabura geejjibaa akka fayyadamaniif haalli addaa isaaniif mijaawee jira. Awutobisaafi Baabura geejjibaa hunda keessatti, teessoo halluu Piinkii qabutu kophatti qophaaya. Teessoo halluu Pink qabu kana dubartii ulfaa malee namni tokkollee itti hin dhihaatu.

Fooqii gurguddaa fi iddoowwan daldalaa heddu fuuldurattis, Paarkiingiin ykn bakki makiinaa dhaaban dubartoota ulfaatiif kophatti qophaahee halluu piinkii dibamee jira. Makiinaa dubartii ulfaa malee, makiinaan biro tokkollee bakka kana dhaabbachuu hin dandahu. Iddoo paarkiinii isaaniif qophaahe kana, gaafa ulfaayan irraa kaasee hanga daa’imni isaanii baatii 6 guututti fayyadamuu mirga qabu. Sababaa kanaaf kooriyaa kibbaa keessatti dubartiin ulfaatiifi dubartiin daa’ima baatii 6 gadii qabdu, iddoo paarkiingii dhabdee hin rakkattu jechu. odeeyfanoo guutuu sagantaa soora qalbii irraa dhageeyfadhu.

 

Draamaa Iccitii Jireenyaa kutaa 16ffaa

Qopheessaan: Abduljawaad Ibraahiim

 

Sagantaa Guutuu Dhageeyfadhu.

 

Download  Sagalee Qulqullina Qabu HD Download  Liink Xiqqaa Mobile Biyyaatiif  Youtube

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button