header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSeenaa

Seenaarraa haa barannu

Qophii: Abu Ibtisam

Rabbi (SW) ergamtoota garagaraa gara dachii kanaa ergee, dhaamsa qajeelaa akka nu biraan gahan taasiseera. Ergamtootaa fi Nabiyyoonni namootuma akka keenyaati. Rakkoo fi gammachuu garagaraa keessa dabarsaniiru. Nutis rakkoo fi balloo isaanii sanirraa barachuu qabna. Kaayyoon nabiyyoonni nama ta’aniifis isa kana. Nabi Yuusuf (AS) obboleewwanii ganamee, boollatti darbamee, akka garbaatti gurgurameera. Abbaan isaa Nabi Ya’quub (AS) ilmaaniin sobamee, osoo hin jaalatin ilma isaarraa fagaatee akka jiraatu taasifameera.

Nabi Ayyuub (AS) dhukkubaan dararamee, ilmaan qabu hunda dhabee, qabeenyaanis hiyyoomee dararaa heddu argeera. Nabi Iisaan (AS) ummatuma isaatiin dhiibamee, ajjeefamuudhaaf barbaadamaa ture. Nabiin keenya jaalatamaanis (SAW) rakkoo jabduu mudataniiran. Waan nyaatan dhabanii beelawaniiru, firuma isaaniitiin arrabsamaniiru, keessummummaa ganda namaa dhaqanii tumamaniiru, firootaa fi namoota dhihoo heddu of biraa dhabaniiru. Rakkoon nuti harra rakkoo jennee himannu cufti isaan biratti haalaan hammaattee mudatteerti.

Rabbi (SW) nabiyyoota isaa kanniin cufa rakkoon maletti gammachuudhaan akka jiraatan godhuu ni danda’a. Haa ta’u malee rakkoo san isaan akkamitti akka dabarsan akka irraa barannu fedha. Wayta rakkoon isaan mudattu akkam ta’an kan jedhu akka irraa laallannuuf jecha, jireenya akkasii keessa isaan dabarse. Nabiyyoonni hundi wayta rakkoon isaan mudattu gara Rabbii isaanii deebi’anii du’aa’ii godhaa turan. Kanaafuu nutis wayta rakkoon nutti hammaattu harka keenya gara Rabbii deebisnee isa kadhachuun addunyaa aakhirattis isaanirraa fayyadamuu qabna.

Rakkoo qofa osoo hin taane, bal’os akkamitti dabarsan kan jedhu isaanirraa laallachuun barbaachisaadha. Nabi Suleeymaan (AS) aangoo fi humna jabaa badhaafameera. Haa ta’u malee aangoo fi humna kana karaa Rabbii irratti itti fayyadame. Waan hunda keessattis isuma gargaarsifataa ture. Nutis Nabiyyoota amma dura ergaman dabalatee, seenaa Sahaabotaa fi namoota gaggaarii barachuuf tattaafachuu qabna. Harrumarraa kaasnee guyyaa hunda seenaa nama tokko dubbisaa ykn ammoo dhaggeeyfataa irraa haa barannuun dhaamsa kiyya.

Rabbi nama seenaa isaaniirraa fayyadamu nu haa taasisu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button