header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Talaalliin COVID-19 miliyoona 2.2 Itoophiyaa seene

Talaalliin Vaayirasii Koroonaa ittisuuf oolu kan marsaa jalqabaa ganama harraa Itoophiyaa kan seene yoo ta’u, Talaalliin kun Jaarmaya walta’iinsa idil-addunyaa talaallin hunda akka walgahuuf hojjetu – kovaaksi (Covax) irraa kan argamedha.

Talaalliin COVID-19 Itoophiyaa seene kun kan AstraZeneca jedhamu kan biyya Hindiitti, Inistiitiyuutii Seerum jedhamuun oomishame dha.

Ministirri Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taaddasaa talaalliin amma seene kun dursa  kutaalee hawaasaa dhukkubichaaf saaxilamoo ta’aniif  kan keennamu ta’uu ibsite.

Itoophiyaa keessatti haga ammaatti lammiilee miiliyoona 2.17’f qorannoon COVID-19 taasifame jidduu 165,000 ol vaayirasichaan qabamanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button