header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKoroonaa

Weerara dhibee koroonaa too’achuuf jecha uggurri masjiida kabajamaa Makkah keessatti labsamee ture ka’e

Mootummaan Sa’uudii weerara dhibee koroonaa hordofuun tatamsa’iina vaayirasichaa to’achuuf jecha,  masjiidota kabajamoo keessatti qajeelfamaa fi uggura garagaraa kaahee turuun ni beekama. Alhada har’aa irraa eegalee garuu Masjiida kabajamaa Makkaah keessatti sochiin hundinuu guutumaan guututti akka duraatti deebi’uun beekamee jira.

Mootummaan Sa’uudii ibsa baaseen “haaldureewwan yeroo waggaa tokkoo oliitiif Masjiida Kabajamaa keessatti labsamanii turan hundi ka’uu isaaniitiin, Harama keessatti tajaajilli hundinuu guututti kennamuu jalqabamee jira”jedhe. Haaluma kanaan Masjiidal Haram keessatti mallattoon yeroo salaataa akka namni walitti siqee hin dhaabbanneef kaahamee ture kan ka’e yoo tahu, ummanni kumaatamaan lakkaahamus akka duraatti Masjiida guutuudhaan salaataa fi xawaafa raawwataa akka oolan Aljaziiraan gabaase.

Haata’u malee namoonni gara Haramaa seenan hundi, talaallii guutuu fudhachuu fi Masjiida keessatti haguuggii afaanii uffachuun dirqama tahuu qondaaltonni fayyaa biyyattii beeksisan.

 

9 Comments

  1. As wr wb akkam jirtuu fayyuumaa yaa ordoftota nuralhudaa jirenyii badhadhaa mash Allah
    Duran dursee barabin isin tiksee hadhaan isin gaheen amaas rabbin balaa dhufuu jiruu kaa dhuufee jiruraa isin haa tiskuu mash Allah sagantaa keessan hordofuf haraa garaa woggaa tokkofaaf turuu kootti garuu takka yadaas gafis eratti ihrmadhee hin bekkuu
    Sababin isas bekkumsumaa hin qabanuu hadhaa wattani garaa keessan imaleef
    Tokkofaaf rabbin bekkumaa ilmii Qurana sif haa kenuu jetani duwayyin akka naa gargartanuu barbadaa
    Lammaf formulaa keessan kan Qurana barsisuraa nagalchuu kerssanin barbadaa
    Yoo rabbin koo sababaa isin godhee naa barsifatee hin bekkuu
    Lakkofsaa bilbilaa koo 0922776200
    MusbahAwel Sudan irraa
    Rabbin jernyaa qanani isin haa jirachisuu
    Nagaatti

  2. Asalama Aleyikum worahmatulahi wobarakatuu Allahamdulillaa yaa Rabbi suma Allahamdulillaa
    gurii kesan kahiri hadhagahu Rabbin nama dhaqe itti hirmatu nuhatasisuu insha Allah

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button