header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannoo

Weerarri Vaayrasii Koroonaa biyyoota heddu keessatti deebi’ee babal’ataa jira

Weerarri vaayirasii koroonaa ji’a saddeet dura Chaayinaa keessatti ka’e, guutuu addunyaa keessatti tamsa’uun hanga har’aatti namoota miiliyoona 31 dhiyaatan irratti kan argame yoo tahu, namoonni miiliyoona tokko tahan ammoo sababa dhibee kanaatiin du’anii jiru.
Biyyoonni Awrooppaa dabalatee kanneen biroo jalqaba weerara vaayirasichaatiin akka malee hubamanii turan hedduun, ji’oota muraasa dura tamsa’ina vaayirasicha to’achuu labsanii turan. Haata’u malee dhiheenya kana ammoo vaayirasichi marsaa lammaataa sadarkaa weerara hamaatiin deebi’ee babal’ataa jiraatuu ibsuun tarkaanfiilee haaraya fudhachuuf qophaayaa jiraatuu ibsan.
Biyyoota kanneen jidduu Faransaay kaleessa qofa namoota 13,000 ol tahan irratti vaayirasichi haarayatti argamuu beeksiste. Haaluma walfakkaatuun Ispeen keessattis lakkoofsi namoota haarayatti vaayirasichaan qabamanii dachaan eega dabalee booda, mootummaan biyyaatti naannawa Magaalaa Madriid keessatti sochii ummataa hanga tokko deebisee ugguree jira.
Raashiyaa fi Indoneezhiiyaa keessatti lakkoofsi namoota haarayatti covid19 irratti argame dabalaa jiraatuu gabaafame. Mootummaan UK tis weerarri vaayirasichaa marsaa lammataa biyyattii keessatti ka’uu mala soda jedhuun, of eeggannoo cimsuudhaaf qajeelfama haaraya kan baasu tahuu beeksise.

Indiyaa keessatti ammoo vaayirasichi to’annaan ala bahuun miseensonni paarlaamaa biyyattii hedduun vaayirasichaan qabamuu gabaafame. Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoonni miiliyoona 5.3 ol vaayirasii koroonaatiin qabamuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button