header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Yaa’ii Majliisa Federaalaa irratti qooda fudhachuuf keessummoonni magaalaa Finfinnee seenaa jiraatuu ibsame

Yaa’ii walii galaa marsaa lammaffaa mana marii dhiimmoota Islaamummaa Itoophiyaatin waamame irratti qooda fudhachuuf, hirmaatoonni kutaa biyyattii garagaraa irraa magaalaa Finfinnee seenaa jiru.

Yaa’ii mataduree, “Majliisa hunda hammate Nageenya Itoophiyaa fi Tokkummaa Biyyoolessaaf”jedhuun waamame kanaaf qophiin barbaachisu hundi xumuramuu qopheessitoonni ibsan.

Yaa’ii wixaata iftaanii irraa hanga kibxata ni geggeeffama jedhamee eeggamu kana irratti ulamaa’onni, hoggantoonni Majlisa naannoolee, hoggantoonni mootummaa fi qaamooleen kutaa hawaasaa garaagaraa irraa affeerraaman argamuun qooda ni fudhatu jedhamee eegama.

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button