Categories: Odeeyfannoo Og-Barruu Saayinsiif Teknoolojii USA

​​Telefoonni Kaampaanii HUAWEI amma booda oomishamu tajaajila Facebook fi Google kan hin qabne tahuu quba qabduu?

Advertisements

Kaampaanii  Telefoona SMART tahan oomishan Keessaa sadarkaa lammaffaa irratti kan argamu Kaampaanii Chaayinaa HUAWEI  jedhamuun beekamu  yoo tahu, biyyoota bilbila kana fayyadamuun beekaman Keessaa tokko biyyi teenya Ityoophiyaan tan duraati.

Biyyoonni gurguddoon addunyaa kanneen akka Ameerikaa, Kanaadaa, Awustiraaliyaa, Biriteen fi biyyoonni hedduun Kaampaanii kana yakkaan himatuun, biyya isaanii keessaatti akka hin hojjanne ugguraa jiru.

HUAWEI’n Yakka maaliin himatame?

Ameerikaa dabalatee biyyonni hedduun, Kaampaaniin kun odeeyfannoo biyyoota gara garaa  mootummaa Chaayinaatiif dabarsee kenna jedhan.

Kaampaanichi immoo Yakka irratti dhiyaate kana ni haala.

Facebook fi Google maaliif hin hojjanne?

Kampaanoonni  teknolojii gurguddoon kunniin Ameerikaa keessaatti argamu. Sabaaba kanaaf Feesbuuk June 7/2019 irraa jalqabee telefoonota Kaampaaniin HUAWEI oomishu kan ammaan booda bahan irratti kan hin hojjanne tahuu beeksiise. Haaluma wal fakkaatuun Appilikeeshiinonni  Kaampaanii Feesbuuk kanneen akka WhatsApp fi  Instgram HUWAEI irratti hin dalagan. Google immoo ji’a dabre keessa walitti hidhata Kaampaanii HUAWEI waliin qabu kan addaan kute tahuu ibse. Haaluma kanaan tajaajiloonni Google kanneen akka  youtube, gmail, google play store, google drive, google Map fi kanneen biroo heddu telefoona HUWAEI irratti hin hojjatan jechuudha.

View Comments

  • Mashaalla rabbiin khiyya siin irraa haa haa jaallatu qophesitoota saganta hundafii ustazota keenya.jezakallaahu wokhayiran.

  • as wr wb akkam jirtuu qophessitoota tv nuralhudaa wonti isiin hojjataa jirtsn baayee nama bonsaa jabaadha akkanumattii itti fufaa.wanti ittii dabaluu qabdan jedhee yaadu
    1 barnoota qur'aana tajwiidaan
    2qophii ijoollee
    3qophii dargaggotafii dubartoota

  • AS WR WB akkam naga jirtuu jabaadhaa jajjabaadhaa qophiileen keessan baay'ee nu gammachiiseera akkanumatti itti fufaa Rabbiin isiniif haa laaffisuu.

  • AS WR WB akkam naga jirtuu jabaadhaa jajjabaadhaa qophiileen keessan baay'ee nu gammachiiseera akkanumatti itti fufaa Rabbiin isiniif haa laaffisuu

Recent Posts

  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Humni galaana Turkiyaa doonii dhaabbata qorannoo Israa’el Galaana Medtiraaniyaan keessaa baase

Dooniin dhaabbata boba’aa Israa’el tun, gara daangaa Cyprus seenuun galaana Meditraaniyaan keessatti hojii qorannoo barbaacha boba’aa irra kan turte yoo…

10 hours ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Prezdaantii Suudaan kan duraanii Umar Al-Bashiir irratti hidhaan waggaa lamaa murtaahe

Prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir April dabre aangoo irraa eega fonqolchamee booda, malaamaltummaa fi seeraan ala maallaqa biyyoota biroo dhuunfachuun himatame…

1 day ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Filannoo guyyaa kaleessaa Briteenitti geggeeffameen Paartiin Conservative injifate

Filannoo miseensota paarlaamaa ariifachiisaa kaleessa gaggeeffame kanaan, paartiin muummicha ministeeraa Boris Johnson kan biyyattii bulchaa jiru, teessoowwan 360 argachuun sagalee…

2 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Lammileen Itoophiyaa Suudaan jiran “dararamaa jirra” jedhan

Lammileen Itoophiyaa biyya Suudaan magaalaa Kaartuum jiraatan sababa waraqaa jireenyaatiin walqabatee waraana biyyattiin qabamanii manneen hidhaatti kan darbatamaa jiran tahuu…

3 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Haleellaa buufata loltootaa Niijeer irratti raawwatameen loltoonni 71 ajjeefaman

Haleellaa buufata loltootaa lixa Niijeer irratti raawwatameen loltoonni mootummaa 71 ajjeeffamuu, 12 immoo madaa'uu fi akkasumas loltoota hedduu achi buuteen…

3 days ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Lammiileen Briteen mana maree biyyattii keessatti bakka bu’oota isaanii filachuuf sagalee kennaa jiran

Ummatni Briteen bara 2016 Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf rifarandamiin eega murteessee booda, mootummaan biyyattii adeemsa gamticha keessaa bahuu irratti walii…

3 days ago