header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

“‹”‹Balaa konkolaataa Naannoo Amaaraa Godina Goojjaam Lixaatti muudateen lubbuun nama 23 darbe

Balaan kun kaleessa waaree booda aanaa Dambacaa Zuuriyaa naannawa magaalaa Caraqaatti kan muudate yoo tahu, konkolaataan fe’umsaa ISUZU ta’e tokko, minibaasota ummata fe’anii turan lamaa fi baajaajii tokko waliin walitti bu’usaatiin ta’uu, ogeessi miidiyaa Komishiinii poolisii naannichaa Komandar Masarat La’aqe BBCtti hime.

Haaluma kanaan dubartoota jahaa dabalatee lubbuun nama 23 akka dabree fi namoonni balaa kanaan du’an  hedduun warra minibaasota lamaan fi baajaajii keessa turan tahuu ibsame.

Itti gaafatamaan waajjira dhimmoota komunikeshinii aanichaa Obbo Lingar Yittaay balaa kana ilaalchisee akka ibsetti ammoo,  bakki balaan kun itti muudate baay’ee irraan gadeefi maramaa yoo tahu, ISUZU’n Boqqoolloo fe’atee Finoota Salaam irraa gara magaalaa Dambacaa saffisaan imalaa ture, minibaasota lamaanii fi baajaajii ummata fe’atanii Dambaacaa irraa gara Finoota Salaamitti wal duraa duubaan imalaa turan irra kan bahe tahuu ibse.

Obbo Lingar itti dabaluudhaanis, Konkolaattonni kunniin fuulduraan walitti bu’uu isaaniitiin addaan baasuun yeroo dheeraa kan fudhate tahuu ibsuun, namoota du’an 23 jidduu 21 gargaarsa tokkollee osoo hin argatin battalumatti lubbuun isaanii kan dabre tahuu beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button