header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waldaan Fannoo Diimaa Keeniyaa lakkoofsi namoota gara Keeniyaa baqatanii dabaluu ibse.

Duguuggaa sanyii waraanni Makkalaakayaa godina Booranaa Magaalaa Mooyyalee keessatti march 1/2018 raawwate hordofuun, lammiileen Oromoo aanaa Mooyyalee keessaa baqatuun gara Keeniyaa seenuun ni yaadatama.

Sekreteriyaatiin Koomaand poostii labsii yeroo Muddamaa lammiileen baqatan irra hedduun gara qe’e isaanii deebifamanii jiru, kan hafan immoo deebisuuf marii irra jirra jechuun ibsa kan baase yoo tahu, Waldaan Fannoo Diimaa Keeniyaa immoo lakkoofsi namoota baqatanii dabalaa jiraatuu fi guyyoota lamaan dabran keessatti namoonni 200 dabalamuu ibse.

Odeeyfannoo walqabateen Mootummoota gamtoomanitti Ejensiin baqattootaa UNHCR damee Keeniyaa, lammilee Oromoo 10,000 tahan kanneen ajjeechaa waraana mootummaa jalaa baqachuun gara Moyyaalee Keeniyaa seenanii kooluu galtummaaf galmayaniif meshaalee nyaata itti bilcheeffatan, saaphannaa bookee busaa ittisu, uffata halkanii fi wantoota hatattamaan isaan barbaachisu kan dhiheessaafii jiru tahuu beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button