Og-Barruu

Warra Mirgaan Jirutu Haqa Qaba

© Abu Ibtisam

Anas bin Maalik (Rabbi isarraa haa jaalatuu) hadiisa takka akkana jechuun nuuf dabarse:

Ergamaan Rabbii (SAW) gara mana keenyaa dhufanii, waa akka isaan obaasnu nu gaafatan. Re’ee takka elminee, qabee kiyya kanatti bishaaniin walitti areerre. Kana booda Ergamaa Rabbiitti (SAW) kennee irraa dhugan. Wayta kana Abubakar (Rabbi isarraa haa jaalatuu) gama bitaan, Umar (Rabbi isarraa haa jaalatuu) fuuldura irraan, namni baadiyyaa tokko ammoo gama mirgaan taa’anii turan. Ergamaan Rabbii (SAW) dhuganii geessinaan, Umar ‘Yaa Ergamaa Rabbii Abubakaritti kennaa’ jedhe. Ergamaan Rabbii (SAW) garuu Abubakarii fi Umariin dhiisanii, namicha baadiyyaa, kan gama mirgaan taa’ee jiru saniif kennan. Kana booda Ergamaan Rabbii (SAW), ‘Warra mirgaan jirutu, Warra Mirgaan jirutu, Warra mirgaan jirutu haqa qaba’ jedhan.
Abbaan Hadiisa kana nuuf dabarse, Anasilleen, ‘Sunnaan isa kana, sunnaan isa kana, Sunnaan isa kana’ jedhe.

Waan tanarraa baruumsa guddaa arganna. Waan dalagnu hunda mirgaan jalqabuu akka qabnu yeroo heddu Ergamaan Rabbii (SAW) nu barsiisanii jiran. Haa ta’u malee yeroo heddu sunnaan kun yeroo itti dalagamu hin mul’atu. Keessattuu, bakka cidhaatti namoonni nama affeeran, nama mirgaan jiru dhiisanii, nama gurguddaa fi dureessa barbaadanii, keessaa kaasu. Ergamaa Rabbiitti (SAW) aanee, namni haga Abubakar Siddiiq (Rabbi isarraa haa jaalatuu) kabajaa qabu hin jiru. Garuu Ergamaan Rabbii (SAW) sunnaa nu barsiisuudhaaf Abubakariin dhiisanii, nama baadiyyaa saniif kennan. Nutis sunnaa tanatti dalaguuf jabaachuu qabna.

Rabbi dalagaa kheeyrii cufa nuu haa laaffisu

Comment

Related Articles

Back to top button