header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mootummaan Itoophiyaa Ummatni miiliyoona 8 tahu beelaaf saaxilamuu beeksise

Mootummaan Itoophiyaa ummatni miiliyoona 8 beelaaf saaxilamuu ibsuun, hawaasa addunyaa irraa deeggarsa doolaara biiliyoona 1 fi miiliyoona 600 gaafate. Mootummaan biyyattii akka jedhutti ummata sababaa caamaa, walitti bu’iinsaa fi balaa lolaatiin hanqina nyaataatiif saxilame baraaruuf maallaqa gayaa waan hinqabneef gargaarsa hatattamaa kan barbaachisu tahuu ibse.

Dhaabbata Mootummoota gamtoomanitti qindeessaan gargaarsa namoomaa kan Itoophiyaa Ahunna Eziyakonwa Ononche VOA’f akka himetti, horsiisee bulaan maatii isaanii nyaachisuuf foonii fi aanan beeylada irraa argatanitti fayyadamu. Haata’u malee waggaa Sadan dabran keessa hawaasni horsiisee bulaan miiliyoona 2 fi kuma 400, beeyladaan isaanii dhibbeentaa 80 tahu jalaa dhume. jedhe.

Yeroo ammaa ijooleen miiliyoona 3 fi kuma 500 hanqina nyaataatiif kan saaxilaman akka tahee fi kanneen keessaa daa’imman kuma 300 tahan nyaata madaalawaa addaa hatattamaan yoo hin argatin, balaa hamaaf kan saaxilaman tahuu qondaalli UN kun akeekkachiise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button