header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dubartoonni Muslimaa magaalaa Shaashamannee lammiilee naannoo Soomalee irraa buqqifaman ziyaaran

Dubartoonni muslimaa magaalaa Shaashamannee guyyaa hardhaa lammiilee naannoo Soomalee irraa buqqifamun bulchiinsi magaalatti qubachiise, gargaarsa walitti qaban geessuun ziyaaran.
Ziyaaraa mata duree “Dubartoonni haadha goototaa , hayyootaa fi lafee dugdaa qabsoo hundaati” jedhuun, nuti nyaannee bullee isaan hin beela’an jechuun, horii qalmaa Sangoota shan, hoolaa tokko, meeshaalee manaa, uffata halkanii fi huccuu adda addaa, qabachuudhaan hawaasa keenya iddoo isaan itti qubsiifamanitti Ziyaaran. Deeggarsa dubartoonni muslimaa magaalaa Shaashamannee godhan kun birrii miiliyoona tokkoo fi kuma dhibba shanii ol akka tahe gabaasni waajjira Kominikeeshiinii magaalaa Shaashamannee irraa arganne ni ibsa.
Haaluma walfakkaatuun waajjirri dhimma dubartootaa fi Daa’immanii magaalaa Shaashamannee deeggarsa firaasha 75 kan arjoome tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

Tellhco Survey

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button