header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Kooriyaa Kaabaa iccitiin Chaayinaa daaw’achuu isaa biyyoonni lamaan mirkaneessan

Qondaalli Ol’aanaan Kooriyaa Kaabaa tokko Alhada dabre iccitiin gara Chaayinaa kan imale tahuu miidiyaaleen addunyaa gabaasaa turan. Qondaalli Kooriyaa Kaabaa gara Chaayinaa imalee ture sun prezdaant Kim Jong-Un tahuu biyyoonni lamaan mirkaneessanii jiru.

Prezdaantiin Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-Un fi prezdaantiin Chaayinaa Shin Jiin Ping Beejiing keessatti marii milkaawaa tahe gaggeessanii akka turan, ejensiin Odeeyfannoo Chaayinaa Shinuwaan gabaase. Hoggantoonni lamaan sagantaa Niwukilarii Kooriyaa Kaabaa irratti kan mari’atan tahuu gabaasni kun ni mul’isa.

Chaayinaa fi Kooriyaan kaabaa hariiroo diinagdee fi Siyaasaa cimaa tahe kan qaban yoo tahu, daaw’annaan ammaa kunis Kooriyaan Kaabaa marii Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaa waliin gaggeessuuf karoorfatte dursuun, michuu isii Chaayinaa mariisisuuf akka tahe xiinxaltoonni siyaasaa ibsan.

Prezdaant Kim Jong-Un eega bara 2011 taaytaa qabatee asitti daaw’annaan ammaa kun imala gara biyya birootti ifatti godhe kan jalqabaati.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button