header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Manni hidhaa Ma’akalaawii  kan magaalaa Finfinnee keessatti argamu cufamuun gabaafame.

Manni hidhaa kun bara mootummaa Haylasillaasee irraa kaase hanga har’aatti mana dararaa hamaadha. Namoonni mootummaa mormaniifi, namoonni mirga ofiitiif falman mana hidhaa kana keessatti dararamaa kan turan tahuun ni beekama.

Ji’a afur dura mootummaan mana hidhaa kana kan cufu tahuu beeksisee ture. Kanuma hordofuun hidhamtoota siyaasaa mana hidhaa kana keessatti argaman, dubbi himaa Biroo Haqa Oromiyaa obbo Taayyee Danda’aa, Barsiisaa Yunivarsiitii Amboo Siyyum Tashooma fi hidhamtoota biroo heddu Ma’akalawii irraa gara buufata poolisii 3ffaa geessuun,  manni dararaa kun kan cufame tahuu FANA’n gabaase.

Murtiin  mana dararaa kana cufuuf mootummaan fudhate sirrii tahus, iddoo nama itti hidhanii dararan jijjiiruun, ammas bakka birootti dararaan yoo kan itti fufu tahe, jijjiiramni kan hin jirre tahuu xiinxaltoonni siyaasaa ibsaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button