header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Eegaa labsiin yeroo muddamaa labsamee lakkoofsi namoota waraana Makkalaakayaatiin ajjeefamanii 52 gahuun ibsame

February 17/2018 muummichi ministeera duraanii obbo Hayilamaariyam Dassaalenyi aangoo lakkisuu ibse. Kanuuma hordofuun, labsiin yeroo muddamaa labsamuun biyyattiin Komaand poostiin hogganamuu jalqabde.

Waraanni mootummaa Komaand postii kana dawoo godhatuun dararaa ummata irratti raawwatu cimse kan itti fufe yoo tahu, eegaa labsiin kun baheen booda ajjeechaa naannoo Oromiyaa keessatti labsii kana dawoo godhatuun raawwatameen, yoo diqqate lubbuun namoota 52 galaafatamuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Namoota ajjeefaman kana malees iddoo adda addaatti hidhaa fi dararaan waraanni mootummaa lammiilee biyyattii irratti raawwatu cimee itti fufuun beekameera.

Muummichi Ministeera haarawni filame gara aangootti eega dhufeen asitti qofa yoo diqqate namoonni 5 kan ajjeefaman tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Unkaan armaan gadii kun maqaa namoota waraana mootummaan eega labsiin yeroo muddaama yeroo lammaffaa labsameen booda waraana makkalaakayaatiin ajjeefamaniiti.

 

___
NuuralHudaa
Soora Qalbii Muslimaa
https://t.me/nuuralhudaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button