header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhaabbanni Good Deeds Charity lammiilee Oromoo Mooyyalee irraa buqqifamaniif deeggarsa godhe.

Dhaabbanni gargaarsaa Good Deed Charity jedhamu deeggarsa hawaasa Oromoo kutaa Minnesootaa irraa walitti qabamee fi karaa toora interneetii Gofund me walitti qabame, akkasumas meeshaalee manaa fi uffata waliin lammiilee Oromoo yakka duguuggaa sanyii waraanni Makkalaakayaa magaalaa Mooyyalee keessatti raawwate baqatuun Keeniyaa keessa qubataniif kan geessan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Deeggarsa kana irratti hoganaan dhaabbatichaa Dr Abdii Galgaloo Gonjobee, Aalima keenya Sheekh Alii Jimmaa fi Sheekh Salaa Jiloo kan argaman tahuunis beekameera.

Dhaabbanni deeggarsaa Good Deed Charity jedhamu kun lammiilee Oromoo biyya Ameerikaa keessa jiraataniin kan hundeefame mootummaa Ameerikaa irraa haayyama argatuun, biyya keenya keessumattuu godina Booranaa fi Gujii keessaatti da’awaa babaldhisuu fi deeggarsa adda addaa godhuun beekama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button