header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaEeshiyaaOdeeyfannooUSA

Ameerikaa fi deeggartoonni isii Suuriyaa keessatti haleellaa jalqaban

Ameerikaa, Briteenii fi Faransaay Suuriyaa keessatti ganama har’aa haleellaa jalqaban. Prezdaantiin Ameerikaa Donaald Traamp gamtaana waraana biyyoota sadanii Suuriyaa keessatti haleellaa jalqabuu beeksise. Tramp ibsa isaa waayit haawus keessatti kenneen, haleellaan biyyoonni sadeen jalqaban kun deebisaa haleellaa Keemikaalaa mootummaan Suuriyaa dhiheenya kana magaalaa Duumaa keessatti raawwateef tahuu hime.

Traamp waraanni Ameerikaa Suuriyaa keessa hammam akka turu kan hin ibsin yoo tahu, Bashaar Al-asaad haleellaa Keemikaalaa raawwachii hanga dhiisutti duulli mootummaa Suuriyaa irratti jalqabame kan itti fufu tahuu beeksise.

Haaluma walfakkaatuun Briteenii fi Faransaayis duula kana jalqabuu isaanii beeksisaniiru. Haleellan biyyoonni sadeen jalqaban kun misaa’ela Kruuz kan Markabaa waraanaa irraa furguuggeffamuu fi Xiyyaarota waraanaatiin yoo tahu, magaalotaa Damashq, Humusii fi guutuu Suuriyaa keessatti haleellaan cimaan kan geggeeffamaa jiru tahuu Aljaziiraan gabaase. Raashiyaa fi Iiraan mootummaa Suuriyaa deeggaruun haleellaa kana balaaleffataa jiru. Ambaasadarri Raashiyaa Waashingitonitti argamu “biyyoonni sadan Suuriyaa irratti waraana banan harka isaanii ni argatu” jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button