OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa
Muummichi Ministeeraa guyyaa boruu Kaabinee isaa Paarlaamaaf dhiheessuun ni raggaasisa jedhamee eegama
Manni Maree bakka bu’oota Ummata guyyaa boru kora idilee kan geggeessu yoo tahu, muummichi minnisteeraa Dr Abiy Ahmad walgahii kana irratti argamuun kaabinee isaa haarawa kan raggaasisu tahuu FBC’n gabaase.
Akka gabaasa FBCtti Ministeera Qonnaa kan tahe Obbo Shifarraa Shugguxee fi Dubbii himaa minnisteera haajaa alaa tahuun kan hojjataa jiru Obbo Mallas Alam ammoo minnisteera Dhimmoota Komunikeeshiinii mootummaa tahuun muudama jedhamee eegama.