header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Hooggantoonni Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa marii jalqaban

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-Un fi prezdaantiin Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-In daangaa biyyoota lamaanii irratti iddoo Panmunjon jedhamutti wal argan. Panmunjon biyyoonni lamaan waraana biyyoota lamaan jiduttii gaggeeffamaa ture dhaabuuf bara 1953 walgaltee iddoo itti mallatteessan yoo tahu, ammas waldhabdee biyyoota lamaan jiddutti hammaachaa dhufe furuudhaaf Panmunjon keessatti marii jalqabaniiru.

Mariin Biyyoonni lamaan amma jalqaban kun eega waraanni Kooriyaa lamanii dhaabbatee waggoota 65 dabran keessatti sadaffaa yoo tahu, Kim Jong-Un hoogganaa Kooriyaa Kaabaa gara Kooriyaa kibbaa seene kan jalqabaa akka tahe AFP gabaase. Prezdant Kim Jong-Un sarara daangaa biyyoota lamaanii cehuun Kooriyaa Kibbaa seenee gita isaa prezdant Moon Jae-In eega harka fuudheen booda, dabaree isaa ammoo hoogganaa Kooriyaa Kibbaa gama Kooriyaa Kaabaatti ceesise.

Kooriyaan Kibbaa jila Kooriyaa Kaabaa prezdant Kim Jong-Un durfamu kan gara daangaa biyya isii cehe kanaaf simannaa hoo’aa kan gooteef akka tahe gabaasni arganni ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button