header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad daaw’annaa hujiitiif gara Jibuutii imale

Muummichi ministeeraa Dr Abiy Ahmad daawa’annaa hujii biyya alaa isa jalqabaatiif Jibuutii seenuu isaa beekkame. Jilli Muummicha ministeeraatiin hoogganamu Jibuutii yammuu ga’etti, prezdaantii biyyattii Ismaa’il Umar Giileeh dabalatee qondaaltonni mootummaa Jibuutii simannaa hoo kan godhanif tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

Jilli Muummicha ministeraa Dr Abiyin hoogganamu kun guyyoota lamaaf Jibuutii kan daaw’atu akka ta’ee fi qondaalota , jaarsolii biyyaa, abbootii amantaa, hariirroo biyyoota lamaanii irratti kan mari’atu akka tahe ibsi ministeera haajaa alaa irraa bahe ni mul’isa. Dabalataanis Dr Abiy Ahmad paarlaamaa Jibuutiitiif haasawa kan godhu tahuu gabaasni arganne ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button