header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Markazul Asar Barattoota 118 Hifzii Qur’aanaatiin Eebbisiise

Markazni Hifzii Qur’aanaa Asar kan Magaalaa Awwadaayitti argamu guyyaa hardhaa Ebla 28/2018 barattoota 118 kanneen hifzii Qur’aanaa barsiisaa ture eebbisiisuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Barattoonni Guyyaa har’aa Hifzii Qur’aanaatiin eebbifaman kun dubartoota 58 fi dhiira 60 yoo tahan, waraqaan ragaa kan isaanii keenname tahuun beekameera. Markazni kun waggaa darbes barattoota 106 hifzii Qur’aanaatiin eebbisiisuun isaa ni yaadatama
Sagantaa eebbaa kan irratti ulamaa’onni fi keessummoonni aragamuun ummataaf dhaamsa dabarsanii jiru. Ulamaa’ota sagantaa kana irratti argaman jidduu Sheekh Ahmad Yuusuf akkasuma sheekha Baha Oromiyaa keessatti sanada Quraanaatiin beekkamaa kan kutaa biyyattii hundarraa dhufanii sanada irraa fudhatan sheekh Abdallaah Ahmad Umarii fi ulamaa’onni biroo hedduun qooda irraa fudhatanii jiran.

Markazni kun erga hundaahee heedduu turaa tahus erga barattoota waggaarraa eebbisuu jalqabee kan ammaa kun sadaffaa tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button