header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhaabbiileen Amantaa warra wangeelaa Daa’imman warra naannoo Soomalee irraa buqqifamanii irratti xiyyeefatanii socho’aa jiraachuun beekame

Dhaabbileen Amantaa warra wangeelaa Daa’imman muslimaa kanneen naannoo Soomalee irraa buqqifamanii Oromiyaa iddo gara garaa keessa qubsiifaman irratti xiyyeeffachuun socho’aa kan jiran tahuun beekame. Dhaabbileen warra amantaa Kiristaanaa kunniin Mishinaroota biyya alaa waliin tahuun daa’imman isinii guddifna jechuun maatii isaanii irraa addaan baasuun amantaa isaanii barsisuu kan jalqaban akka tahe maatiin isaanii himan.


Ammas dhaabbanni warra mishinarii tokko naannoo qubsumaa 11 irraa daa’imman 5000 fudhatee guddisuuf propozaalii qopheessee sochii kan jalqabe tahuun beekameera. Daa’imman Aadaa fi Amantaa dhaloota isaanii barataa guddachuun mirga tahee osoo jiru, rakkoo ummanni kun keessa jiru sababeeffachuun duula kufrii dhaabbileen kun raawwachaa jiran hawaasni muslima dammaqee akka hordofu waammichi godhamee jira.


Hawaasni muslimaa daa’immaanii fi ummata kanaa iddoo diinii isaanii itti baratan mijeessuu fi maatii sababa rakkootiin ijoollee isaanii dabarsanii kennaa jiran gargaaruun dirqama Islaamummaa akka tahe hayyuun seena Ustaaz Ahmaddiin Jabal dhaamaniiru. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button