header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mormiin Godina Gujii keessaatti geggeeffamu ammas itti fufee jira.

 

Mormiin Haaromfamamuu hayyama Kampaanii Midrok Gold hordofuun godinaalee Gujii keessatti jalqabame guyyaa hardhaatis itti fufee jira. Guyyaa hardhaa magaalaa Adoolaa, Lagadambii fi magaalota biroottis jiraattoonni manneen daldalaa cufuun mormii kan dhageesisaa turan tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa. Guyyaa kaleessaa Ministeera Rayyaa Ittisa biyyaa obbo Mootummaa Maqaasaa gara naannichaa imaluun prezdaantii naannoo Oromiyaa waliin mari’annee furmata hatattamaa ni keenya jedhus, ummanni walgahii kan lakkisee bahe tahuun beekameera.

Konkolaatonni Midrook ganama hardhaa akka duraaanii hojjattoota isaanii gara iddoo albuuda Laga Dambii qabatanii kan hin dhaqin tahuus gabaasni argane ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button