Dhaabbatni Midrook Gold waggaa 20f iddoo albuuda Laga Dambii dhuufanchuun Albuuda warqii fi kanneen biree kan oomishaa ture yoo tahu, yeroo kana hunda ummata naannicha jiraatu irratti miidhaa guddaa gahaa ture. Mootummaan naannoo Oromiyaa wagga darbe keessa hayyamni kun akka hin haaromfamne dhoorkee kan ture tahus mootummaa Federaalaa dhiheenya kana hayyamni kampanii kanaa waggaa 10niif haaroomsuu isaa hordofuun ummanni naannichaa mormii godhaa jira.
Guyyaa hardhaa ummanni naannichaa poolii elektriikaa gara kaampaanii kanaa deemu kuffisuun akka ifaa hin arganne godhee jira.
Ministeerri Albuuda, Boba’aa fi Gaazii Uumamaa Warshaa Warqee Miidrook Laga Dambii hardha irraa kaasee yeroodhaaf dhaabbachuu isaa beeksise jechuun FBCn gabaase. Ministeerichatti daayrektarri dhimmoota koominikeeshinii obbo Baacaa Faajjii
“komii ummanni faalama naannoorraa ka’ee kaasaa ture xiyyeeffannaa keessa galchuun amma qorannaan gaggeeffamee ibsamutti dhaabbaticha ittisuun tarkaanfii sirriidha,ittifamuun eeyyamichaa gaaffii ummataatif deebiidha” jechuu isaa FBC’n gabaaseera.
Rabbin faarsuun jalqabna. Isa faarsina, isa gargaarsifanna, araarama isa kadhanna. Badii teenyarraa isatti maganfanna. Akkasumas…
Barruu Mata duree Dhahannaa Onnee jettu dubbistanii jirtuu? yoo dubbisuu baattan LINK kana tuqaa dubbisaa.…
Diizaayinarri khawnii hundaa Rabbii guddaadha. Isaatu uumamaalee hunda akka isaaniif malutti uume. Qocaa dhakka ba’achiisee…