header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Mormiin Godina Gujii keessaatti geggeeffamu ammas itti fufee jira.

Guyyaa hardhaa godina Gujii magaaloota adda addaa keessatti ummanni mormii godhu itti fufee jira. Magaaloota mormiin keessatti godhamaa jiru jidduu Shaakkisoo, Adoola, Me’ee Bokkoo, Harqalloo fi magaaloota biroo keessatti sochiin daldalaa dhaabateera.

Godina Gujii bahaa magaalaa Adoolaa keessatti poolisoonni Oromiyaa ummata hiriira bahe irratti dhukaasa kan bananii turan yoo tahu, waraanni Agaaziitis kan irratti dabalame tahuu beekameera.

Dhukaasa poolisoonni Oromiyaa fi waraanni Agaazii magaalaa Adoolaatti bane kanaan namoonni sadii ajjeefamu akkasumas namoonni hedduun miidhamuu Odeeffannoon argame ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button