header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Koreen Fala Barbaadduu Hawaasa Muslimaa lammiilee Oromoo naannoo Soomalee irraa buqqifamaniif deeggarsa godhe

Koreen fala barbaadduu hawaasa muslimaa, “Buqqaatota keenya haa faxarsiifnuu”yaada jedhuun, arjoomtota qindeessuun gargaarsa walitti qaban guyyaa har’aa buqqaatota magaalota Sabbataa fi Alamganaa qubatan maatii 500 geessanii jiru.

Gargaarsi Koreen kun guyyaa har’aa raabse, daakuu Kuntaala 126, Ruuza Kuntaala 25, Zeeytii Litira 1,518 fi Timira Kilogiraama 940 akka tahe gabaasni arganne ni mul’isa.

Miseensota Koree fala barbaadduu bakka bu’uun Ustaaz Ahmaddiin Jabalii fi Sheik Sulxaal Haji Amaan dhaamsa dabarsaniin ” Ummanni keenya bakka marattuu xiyyefannaa addaa qubattootaa kennuudhaan akka baati Ramadaanaa kessatti jara faxarsiisan,.akkasuma Zakaa fi Sadaqaan akka yaadatan”jechuun dhaamsa dabarsan.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button