header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Prezdaant Erdogaan, Falasxiinotaa Gaazaa akka gargaaran Muslimoota addunyaatiif waamicha godhe

Prezdaantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan Juma’aa hardhaa duguuggaa sanyii Isra’eel Gaazaa keessatti raawataa jirtu mormuun Ummata magaalaa Istaanbul keessatti hiriira bayeef haasaya godheen, “Muslimoonni addunyaa tokkummaan garjabeenya Isra’eel kana silaa afoo dhaabbannee dararaan Ummata Gaazaa fi uftuulummaan Isra’eel kana booda hin turu”jedhe.

Erdogaan Dhaabbata Gurmuu Biyyoota Islaamaa dhimma Gaazaa fi Al-Quds irratti mari’achuudhaaf walgahii ariifachiisaa yaamuun isaa ni yaadatama. Haaluma Kanaan sirna baniinsa walgahii Jum’aa hardhaa Istaanbul keessatti geggeefamaa jiru irrattis haasawa taasiseen, “Isra’eel Falasxiinota irratti duguuggaa sanyii raawwataa jirti. Hooggantoonni biyyoota Islaamaa dhimma Al-Qudsii fi Falasxiin ilaalchisee tarkaanfii Luynaa fudhataa jirra. Kun hedduu nama gaddisiisaa. Dhugaa dubbachuudhaaf dhimma Al-Qudsi irratti qormaata diinni keenna nuuf kenne Kufnee jirra”jedhe.

Gama biraatiin ammoo dhaabbata mootummoota gamtoomanii tti ejensiin mirga namoomaa, duguuggaa sanyii Isra’eel Gaazaa keessatti raawwataa jirtu qorachuudhaaf garee ogeeyyotaa kan bobbaasu tahuu beeksise.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button