Odeeyfannoo

Manni Murtii Masrii Prezdaant Muhammad Mursii irratti hidhaa waggaa sadi murteesse

Manni murtii Masrii Sabtii har’aa Prezdaantii biyyatti duraanii Muhammad Mursii fi namoota biroo 19 irratti, mana murtichaa fi Abbaa murtii arrabsan jechuun hidhaa waggaa sadi murteese. Dabalataanis mallaqa biyyattii Paawudii 30,000 akka adabamanis gabaasni Anadooluu Niwuus ni ibsa.

Dr Muhammad Mursii Seenaa Masrii keessatti Bara 2012 prezdaantii karaa dimokraatawaa taheen ummataan filatamee ture yoo tahu, bara 2013 Jeneraal AbdulFattah Alsisi waraana biyyattiitti fayyadamuun taayitaa irraa fonqolche.

Mootummaan Masrii humna waraanatiin taayitaa qabate Muhammad Mursii eega mana hidhaatti darbeen booda himannaa heddu irratti kan bane yoo tahu, “Qaxariif basaasuu” himannaa jedhuun addabbiin hidhaa waggaa 25 kan irratti murtaaye tahuun ni yaadatama. Haaluma walfakkaatuun galmee himannaa biroo, fonqolcha Mootummaa waraanni biyyatti gaggeesse hordofuun mormii ummataa gaggeeffameen du’aatii namootaa harka keessa qaba jedhamuunis, hidhaan waggoota 20 itti murtaayeera.

Comment

Related Articles

Back to top button