header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaEeshiyaaOdeeyfannooUSA

Sa’udii fi Turkiyaan Muslimoonni Addunyaa Labsii Traamp akka balaleefatan gaafatan.

Mummichi ministeera Turkiyaa Binalii Yildriimii fi Maliikni Sa’udii Salmaan Biin Abduulaziiz, walgahii guyyaa kaleessa magaalaa Riyaaditti geggeessaan irratti biyyoonni lamaanuu labsii Traamp magaalaa Al-QUDSI “magaalaa guddoo Isra’eel”jechuun baasee fi karoora Imbaasii Ameerikaa gara magaalaa Al-QUDSI jijjiiruu jedhu balaleefataniiru.

Hogganttoonni lamaan muslimoonni Addunyaatis tokkummaan mirga Falisxiinoota akka kabajsiisan kan gafaatan tahuu ibsi ministeera hajaa alaa Turkiyaa irraa bahe ni mul’isa. Binali Yildrim ministeera Ittisa fi dhaaltuu gonfoo Sa’udii Muhammad Bin Salmaan waliinis mari’atee jira.

Mummichi Ministeera Turkiyaa marii booda Ibsa kenneen, rakkoolee naannichaa fi addunyaa furuudhaaf walitti dhufeenyi Turkiyaa fi Sa’udii cimuu qaba jedhe.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button