header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Ol iyyannoo Koreen Furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa dhiheeffatan ilaaluuf Manni Murtii Ammajjii 30/2010tti beellame


Miseensota koree furmaata barbaaddu hawaasa muslimaa hidhaa irratti argaman, murtii isaan irratti kennamee tureef ol iyyannoo akka hin gaafanne yeroo dheeraaf dhoorkamanii turuun dhiheenya kana hayyamamuu isiiniif gabaasuun keenya ni yaadatama.

Manni murtii ol iyyaannoo isaanii kana ilaaluuf Amajjii 30/2010tti kan beellame tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.

Beellama Amajjii 30/2010 miseensoonni koree furmata barbaadduu hawaasa muslimaa hidhaa irratti argaman mana murtii Federaalaatti kan dhiyaatan yoo tahu, Abukaatoo isaanii fi Abbaa alangaa jiddutti falmiin ni godhama jedhamee eeggama.

Miseensoonni koree furmaata barbaadduu hawaasa muslimaa galmee Ustaaz Abubakar Ahmad jalatti himatamanii hidhaa irratti argaman kunniin Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Ustaaz Ahmad Musxafaa, Ustaaz Muhammad Abaataa fi Khaliid Ibrahiim tahuun beekamaadha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button