header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Breaking News: Donald Traamp marii hoogganaa Kooriyaa Kaabaa waliin geggeessuuf Karoorfate kan haqe tahuu beeksise

Prezdaantiin Ameerikaa Donaald Traamp marii hoogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-Un waliin geggeessuuf karoorfatee ture irratti kan hin hirmaanne tahuu beeksise. Traamp Xalayaa Khamiisa har’aa Kim Jong-Uniif ergeen akka jedhetti, “mariin Singapoor keessatti June 12tti karoorfame kan hin geggeefamne tahuu beeksisa”jedhe. Traamp akka jedhetti, “Addunyaa fi Kooriyaan Kaabaa keesatti nageenya waaraa tahe buusuudhaaf carraa guddatu bade, carraan guddaan dabre kun seenaa keessatti gaddaan yaadatama”jechuun barreesse.

Donaald Traamp xalayaa kanaan akka ibsetti Sababni beellamni mariin kun haqameef, ibsi dhiheenya kana Pyongyaang irraa bahaa jiru kan isa dallansiisee fi ifatti diinummaa kan labsu waan taheef.

Kooriyaan Kaabaa ganama har’aa ibsa baaste keessatti  Itti aanaan prezdaantii Ameerikaa Mayik Peens, “makkala Siyaasa hin beekne”jechuun qeeqxe. Pyongyaang ibsa kana keessatti mariin Singapoor keessatti karoorfame yoo kan geggeeffamu tahe, “Ameerikaan  mariin geggeessitu Kooriyaa Kaaba Niwukilarii hidhatte waliin tahuu hubachuu qabdi”jechuun dhaadatte.

Mootummaan Kooriyaa Kaabaa Xalayaa Traamp booda ibsa baaseen, “Ameerikaa nu waliin mari’adhu jechuuf hin kadhannu”jedhe. Torbaan dabre keessa Piyongyaang  Ameerikaan marii Karoorfameen duratti dhimma Niwukilarii fi nageenya naannichaa ilaalchisee dhiibbaa godhaa jirtu hatattamaan yoo kan hin dhaabne tahe, mariin kan hin geggeeffamne tahuu akeekachiifsuun isii ni yaadatama.

Xalayaa Traamp Kim Jong-Uniif erge

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button