OdeeyfannooUSA
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii labsii Traamp Al-QUDS magaalaa guddoo Isra’eel jechuun dabarse kuffise
Dhabbanni Mootummaa Gamtoomanii labsii Prezdaantiin Ameerikaa Doonald Traamp Magaalaan Al-QUDS “magaalaa guddoo Isra’eel” jechuun dabrse wixinee mormu irratti biyyoonni miseensa tahan sagalee akka kennan kora waliigalaa Ariifachiisaa yaame. Haalumaa kanaan sagalee Khamiisa har’aa kennaniin sagalee caalmaa taheen labsii Traamp kuffisan.
Biyyoonni 128 labsii Traamp mormuun sagalee kan kennan yoo tahu, Ameerikaa fi Isra’eel dabalatee biyyoonni 9 deeggaruun sagalee kennataniiru. Biyyoonni labsii Traamp deggaraan, Ameerikaa, Isra’eel, Toogoo, Na’uruu, Gu’atimalaa, Pala’uu, Maarshaal Island fi Honduraas tahuun beekameera.
Prezdaantiin Ameerikaa dhimmaa Alquds ilaalchisee kora waliigalaa UN irratti biyyoota murtii Ameerikaa mormuun sagalee kennan adda baafannee, gargaarsa kenninuuf irraa dhaabna jechuun isaa ni yaadatama.