Keeniyaan Boba’aa oomishtee gurgurtaaf gara biyya alaa erguu jalqabde

Keeniyaan Kaaba Lixa biyyattii kutaa Turkaanaa jedhamu keessatti Boba’aa argame baasuu waggaa jaha dura jalqabde. Haaluma kanaan Alhada kaleessaa Oomisha jalqabaa gara biyya alatti erguudhaaf Bootteewwaan Boba’aa barmeela 2000 fe’atan , Turkaanaa irraa gara Buufata Doonii Mombaasaatti imala jalqabanii jiru.
Keeniyaan Boba’aa gara biyya alaa erguu jalqabuu isii ilaalchisee sirna qophaaye irratti Prezdant Uhuru Keeniyaataa argamuudhaan biyyattiin Baba’aa oomishte gurgurtaaf biyya alaatti erguu kan jalqabde tahuu ujumoo banuun labsee jira. Ji’a kana keessa qofa biyyattiin Boba’aa Barmeelaa 70,000 gara alaatti erguuf kan qophoofte tahuun beekameera.
Prezdaant Uhuuruun sirna kana irrattti haasaya godheen “qabeenya boba’aa arganne kana itti gaafatamummaa fi seeraan bulchuu yoo dadhabne kufaatii nutti fida. Biyyootni nagahaa lama kan sababa kanaan waraana keessa seenan ni beekna”jedhe.
Naannoon Turkaanaa guddinaan kan duubatti hafe yoo tahuu, mootummaan Keeniyaa galii boba’aa kana irraa argamu dhibbeentaan shan kallattiin misooma naannichaatiif kan oolu tahuu beeksise. Qabeenyi boba’aa Keeniyaan naannawa Turkaanaa kana qofa keessatti argatte barmeela 750,000,000tti kan tilmaamame tahuu gabaasni Aljaziiraa irraa arganne ni mul’isa.