header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Itoophiyaan waldhabdee daangaa Eertiraa waliin qabdu ilaalchisee waliigaltee “Aljeers”haal duree tokko malee kan fudhattu tahuu beeksifte

Koreen hujii raawwachiiftuu ADWUI walgahii idilee guyyaa har’aa geggeesseen murtiiwwan dabarse jidduu, waldhabdee Itoophiyaa fi Eertiraa jidduu waggoota diigdamaa oliif ture furuudhaaf waliigaltee Aljeers guutumatti kan fudhatu tahuu beeksise.

Bara 1998 A.L.M. lolli Itoophiyaa fi Eertiraa jiddutti geggeeffame lubbuu namoota 80,000 ol eega galaafateen booda, Jaarsummaa Ameerikaa, UN fi Aljeeriyaatiin walgalteen dhukaasaa dhaabuu kan mallatteefame tahuun ni yaadatama. Waliigaltee Aljeeriyyaa magaalaa Aljeersi keessatti waggaa 20 dura mallatteeffame kanaan, iddoo Baadimmee jedhamu dabalatee lafti daangaa heddu Ertiraaf murteeffame.

Haata’u malee Itoophiyaan waliigaltee araaraa san eega mallatteessiteen booda raawwii  daangessuu diddee turte.

ADWUI’n walgahii guyyaa hardhaa kanaan waliigaltee “Aljeers”haalduree tokko malee fudhachuu ibsuudhaan, raawwii isaatiif ammoo Mootummaa Eertiraa waliin mari’achuudhaaf waamicha godhee jira.

Ertraa fi Itoophiyaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button